Godina Arsii Lixaa Aanaalee ja’atti lammiilee kuma 400 ol deeggarsa hatattamaa barbaachisa jedhame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa aanaalee ja’atti lammiileen kuma 400 fi kumni 90 deeggarsi hatattamaa akka isaan barbaachisu Waajjirri Buusaa Gonofaa Damee Arsii Lixaa eere.

Dhaabbileen fayyaa dhuunfaa Godina Arsii Lixaa keessa hojjatan lammiilee hoongeen miidhamanii Aanaa Shallaa fi Sirarootiif deeggarsa boqqoolloo kuntaala 406 gumaachaniiru.

Itti Gaafatamaa Itti Aanaan Waajjira Fayyaa Godinichaa Obbo Mohammad Gammadii, dhaabbileen fayyaa dhuunfaa lammiilee rakkoorra jiran baraaruuf ammallee daran hojjachuun barbaachisaa jedhaniiru.

Dhaabbileen biroos lammiilee Aanaa Shaallaa fi Shaashamanneetiif dhiheenyatti oomisha sababa hongeetiin jalaa bade deebisuuf sanyii Birrii miiliyoona lamaa olitti tilmaamamu gumaachu ragaan Waajjira Qonnaa Godinichaa irraa argame ni mul’isa.

Hogganaan Waajjira Buusaa Gonofaa Damee Arsii Lixaa Obbo Kamaal Ibraahim, godinicha sababa hongeetiin lammiileen aanaalee ja’a keessa jiraatan kuma 400 fi kuma 90 ta’an deeggarsa hatattamaa barbaachisa jedhaniiru.

Kana duras deeggarsi kuntaalli kumni 4 fi 600 ol qaamolee garaagaraan walitti qabamuun akka gumaachamee yaadachiisaniiru.

Deeggaramtoonni FBC’f yaada isaanii kennan wayita daa’imman isaanii qabatanii daandiitti ba’uuf ga’anitti akka dhaqqabaman eeraniiru.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment