Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaatti baallii sammuu nama haddochuu kiiloogiraamni 610 to’atame

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa ganda Jobbaatti baallii sammuu nama haddochuu kiiloogiraamni 610 to’atame.

Baalli sammuu nama hadoochu kun eeruu uummataan sakkata’insa mana nama dhunfaatti taasifameen ta’uu ibsameera.

Baallii sammuu nama haddoochuu qabame kun  tilmaama mallaqaan Birii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 4 miliyoona ol ta’uu ibsameera.

Ji’oota jaha darban keessatti meeshaalee  kontroobaandii gara garaa qabaman irraa meeshaalee Birrii   miliyoona 23ol ta’an galii taasisuu Qindeessaan Komishinii Gumuruki Itoophiyaa Waajjira damee Hawaasaatti damee to’annoo Gumuruki Shaashamannee Inspeektar Asaffaa Tarfaasaa dubbataniru.

Jamaal Kadiirootu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment