Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoreetti hojii dhabdoota waldaalee IMX’tiin gurmaa’aniif lafti heektaara 62.7 kennameera.
Godina Arsii Lixaa gandoota aanaa Qoree Eekkaa Dayyuu, Doodaa Dayyuu fi Goofingira Cocaatti hojii dhabdoota 502 waldaalee IMX 22’tiin gurmaa’aniif laafti heektaarri 62.7 dabarfameera.
Lafti hoji dhabdootaaf kenname kun, lafa kanaan dura abbootiin qabeenyaa fi waldaalee seeraan ala kiraasassaabdummaan gurm’aanii fudhatanii turan irraa kan fuudhame akka ta’e Bulchaan Aanichaa obbo Galataa Roobaa himaniiru.
Kutannoo hooggansaa fi marii ummata wajjiin adeemsifameen koreen calaallii hundaa’uuf of-eeggannoo cimaadhaan hojii hojjetameen rakkoon bulchiisa gaarii guddaan kun furmaata argachuus eeruu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.