Godina Arsii fi Magaalaa Asallaatti Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Godina Arsii fi Magaalaa Asallaatti Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan haala gaariin gaggeeffamaa jira jedhame.
Filannoon kanarratti qaama miidhamtoota dabalatee kanneen kaardii filannoo fudhatan filannoo gaggeessaa jiru jedhame.
Barii sa’aatii 11:30 eegalee jiraattoonni hiriira qabachuun filannoo eeggataa turan sa’aatii 12:00 irraa eegalee sagalee laachaa jiru.
Akka godina Arsiitti magaalaa Asallaa dabalatee aanaalee 25 keessatti filannoon gaggeeffamaa jira jedhame.
Aanaalee 25 godina arsii fi bulchiinsa magaalaa Asallaa keessatti ,Naannolee Filannoo 18 fi, buufataalee filannoo kumni 1 fi 434,filattoonni miiliyoonni 1fi kumni dhibbi 5 fi kumni 26 fi 987 ni filatu jedhamee eeggama.
Filattoonni magaalaa Asallaa ganda walkeessaa buufata filannoo 09 h Rooba magaalaa Asallaa fi naannawa ishee roobaa jiru osoo hin sodaatin walitti fufiinsaan filannicha gaggeessaa jiru jedhameera.
Jamaal Geendootu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment