Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa Guddattuu Dheeraatti balaa tiraafikaa konkolaataa ummataa mudateen namoota 6 irra miidhaa cimaan gahe

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa Guddattuu Dheeraatti balaa tiraafikaa konkolaataa ummataa mudateen namoota 6 irra miidhaa cimaan gahe.
Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa guddattuu Dheeraatti balaa tiraafikaa konkolaataa deddeebisa ummataa gara Magaalaa Hurutaa deemaa turee fi konkolaataa dhuunfaa ‘pick Up’ gara Adaamaa deemaa ture walitti bu’uun miidhaan namaa fi qabeenya irra gaheera.
Akka Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Doddotaa beeksiseetti balaan kun kan uumame saffisa cimaan konkolaachisuu fi walirraan dabalamanii seenuu irraa kan ka’e ta’uu ibsameera.
Qindeessaan Too’attoota Geejjibaa waajjira Abbaa Taayitaa Geejjibaa Aanaa Doddotaa obbo Ahimad H/Tuqaa ,miidhaa cimaan namoota 6 fi salphaan namoota 25 irra gahuu ibsaniiru.
Namootni miidhaan irra gahe gara mana yaalaatti fudhatamaniiru.
Balaa tiraafikaa of eeggannoo gochuu dhabuu irraa mudatu xiqqeessuuf,badii lubbuu namaa fi qabeenyaa irra gahu hanbisuuf konkolaachiftootni xiyyeeffannoo kennuun haalota balaaf saaxilan irraa of eeguu qabuun dhaamsa keenya jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment