Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC)- Godina Arsii aanoota Leemmuu fi Bilbillotti Manni Barumsaa Ifa Boruu Aliyyii Galchuu sadarkaa 2ffaan eebbiifameera.
Sirna eebbicharratti kan argaman Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo barnootaaf kenneen manneen barnootaa hedduun naannichatti ijaaramuu ibsaniiru.
Barnoonni waan hundaaf fala kan jedhan obbo Fiqaaduun, haawaasnis carraa argatetti fayyadame ilmaansaa barsiisuu akka qabuu fi barsiisonnis quuqamaan dhaloota egeree barsiisuu akka qaban dhaamaniiru.
Hawaasni naannichaa keessummoota kanneeniif simannaa kan taasisan yoo ta’u, manni barumsaa ijaarameef kun rakkoo gama barnootaan qaban kan isaaniif furu ta’uu himaniiru.
Hawaasnis jila kanaaf kormaa fi farda dabalatee kennaawwan gara garaa laachuufi ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Nannoo Oromiyarra argamee ni muul’dhsa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.