Godina Arsii aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Biiteetti mallattoo kirkira lafaa muda’ateen abbootiin warraa 373 qe’eesaaniirra buqqa’an

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)- Godina Arsii aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Biiteetti mallattoo kirkira lafaa muda’ateen abbootiin warraa 373 maatii kumni 2 fi 303 qe’eesaaniirra buqqa’aniiru.

Iddoo mallattoon kun itti argametti imaluudhaan daawwachuu akka danda’ameetti  mallattoon kun  kirkira lafaa ta’uu Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyatti, ogeessi Ji’ooloojistii fi haaydirooloojiiy  obbo Abdulaxiif Muhaammad himaniiru.

Obbo Abdulaxiif Muhaammad, akka jedhanitti hawaasni buqqa’e kunnin qe’ee isaanitti yoo deebi’anis rakkoon uumamu baay’ee jiraachuu baatus hanga magnititude safarree deebii isaa karaa aanaa isaaniitiin isaan  qaqqabuutti iddooma itti qubataan turu akka qaban dhaamaniiru.

Sababa mallattoo kirkira lafaa kanaanis namoonni hedduun daa’immanii fi dubartoota dabalatee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uun yeroo amma kana mana barumsaa naannicharraa xiqqoo fagaatee jirutti qubachuu isaanii himameera.

Namoonni buqqa’an kunniinis nyaataa fi bishaan qulqulluu kan barbaadan ta’us kaasaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qophii ittisa sodaa balaa Aanichaa Obbo Bashiir Gammachuu gama isaanitiin rakkoo hawaasni kunniin kaasan furuudhaaf hojjetamaa jira jedhan.

Abdallaa Amaantu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment