Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)- Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti rakkoo bishaan dhugaatii furuuf proojektonni Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 56 oliin hojjetamaa jiru.
Godinichaatti Aanaalee ja’aa fi Bulchiinsa magaalota godinichaa keessatti projektonni Bishaanii buleeyyi 19 fi haaraa 13 walumaa galatti proojektonni 32 Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 56 oliin hojjetamaa jira.
Proojektonni hojjetamaa jiran kunneenis boolla gad-fagoo haaraa 10 fi ijaarsi isaanii xumurame sababa jenereeteraa fi paampiin osoo hin xumuramiin hafan 15 fi boollaa harkaa 3 baajeta idilee, sagantaa Onewash fi bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin akka ta’e ibsameera.
Proojektota hojjetamaa jiran keessaa boolli harkaa 3 xumuramee tajaajila kennaa akka jiruu fi projektota boollaa gad-fagoo hojjetamaa jiran keessa 19 ijaarsi isaanii bara 2005 as Aanaalee godinichaatti kan eegale ta’uus sababa hanqina dhiyeessii paampiifi jenereteraan tajaajila osoo hin kenniin hafan jirachuus beekameera.
Haa ta’u malee, yeroo amma kana paampii fi jenereterri waan dhiyateef boolli gadi fagoo 15 ijaarsi isaanii xumuramee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila kan eegalu ta’uufi kanneen biroonis baruma kana keessa xumuruuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.