Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Godina addaa naannawaa Finfinneetti lafa hektaara kuma 18 fi 100 Jallisiin Qamadii misoomsuuf facaasaan eegalamuu ibsameera.
Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqii ganda Gammadaatti Lafa hektaara 350 jallisiin Qamadii oomishuun eegalameera.
Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun aanichatti argamuun facaasaa kana eegalchiisaniiru jedhame.
Akka godina Addaa naanawaa Finfinneettii lafa hektaara kuma 18 fi 100 Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf hojiin eegalamuu eeraniiru.
Hanga ammaatti lafti hektaarri Kumni 2 fi 700 guutumaan guutuuttu qophiin xumuramuu itti gaafatamaa waajjiira qonnaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Caalaa Adareen himaniiru.
Torbeen kunis torbee sanyii qophessuu jedhamuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Bara darbee Aanaa Aqaaqii Qaalittii Ganda Gammadaattii lafa hektaara 1 irraa Qamadiin kuntaallii 105 argamuu ragaan Waajjira Qonnaa aanichaarra argame ni muul’isa.
Jamiilaa Jamaalii fi Zabiib Taklaayitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.