Godaantota kuma 100 Somaaliyaarraa Ityoophiyaa seenaniif deeggarsi dhihaachaa jira-Ejensii Godaantotaa Addunyaa

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)- Godaantota kuma 100 sababa walitti bu’iinsaan Somaaliyaarraa buqqa’uun gara Ityoophiyaa seenaniif deeggarsi dhihaachaa jiraachuu Ejensiin Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Godaantonni kunneen torbanota afuran darbanitti naannawaa walitti bu’insaa keessaa godaanuun Ityoophiyaa Naannoo Somaalee Godina Dooloo kan seenaan ta’uun ibsameera.

Gdaantota kunneenis dhiyeessiin nyaataa, nyaata madaalawaa, bishaan dhugaatii, da’oo fi meeshalee wal’aansaa akka barbaachisuun dubbachuu ragaan eejensicharraa argame ni mul’isa.

Irraa jireessi godaantota kanneenis haadholii, daa’immanii fi maanguddoota ta’uun eerameera.

Mootumman Ityoophiyaa godaantota kanneen simachuu eeruun dhaabbilee tumsitootaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun deeggarsa namoomaa dhiyeessaa jiraachuu ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment