Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC) – Dhaabbata Godaantootaa Idil Addunyaatti Dameen Ityoophiyaa Godaantoota Ityoophiyaatti argaman kuma 189f kan oolu deeggarsa Doolaara miiliyoona 25 gaafateera.
Walitti bu’iinsa Ityoophiyaa fi biyyoota ollaatti mudateen lammiileen hedduun godaansaaf saaxilamu dhaabbatichi ibseera.
Lammiilee rakkoof saaxilaman kanneen dhaabuuf Doolaarri miiliyoonni 25 kan barbaachisu ta’uu himeera.
Maallaqni gaafatame kun baatiwwan itti aanaan jahaa keessatti lammiilee kanneeniif qaqqabuu akka qabu gaafatamuu ragaan Dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.