Godaantoonni Itiyoophiyaa 125 Jibuuttirraa gara biyyaatti deebifaman

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Godaantonni lammiilee Itiyoophiyaa 125 Jibuuttirraa gara biyyaatti deebifamaniiru.

Godaantoota kanneen Dhaabbata Godaantoota Idil Addunya waliin ta’uun Jibuuttirraa gara Itiyoophiyatti deebiisuun akka danda’ame Jibuutti Ambaasaddarri Ityoophiyaa Birhaanuu Tsaggayeen toora miidiya hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Ambasaaddarichi guyya boris godaantonni 95 gara biyyaatti ni deebi’uu jedhan.

Walumaagalaatti lammiilee 220 gara biyyattii deebisuuf hojjetama jiraachuu eeraniiru.

Daandiin Jibuuttirra gara Yaman geessuu rakkoolee ulfaataaf kan nama saaxilan ta’uun lubbuun lammiilee hedduu darbaa jiraachuus ibsaniiru.

Kanaaf lammiileen ofii fi maatii isaanii balaa kana irraa eeguun gahee isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment