Godaantoonni Itiyoophiyaa 116 Taanzaanitti haala rakkisaa keessa turan 116 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2016 (FBC) – Godaantoonni Itiyoophiyaa 116 Taanzaanitti mana hidhaatti haala rakkisaa keessa turan 116 gara biyyaa deebi’aniiru.

Taanzaaniyaatti Embaasiin Itiyoophiyaa Komishinii Immigireeshinii biyyattii waliin ta’uun Godaantoota Itiyoophiyaa Taanzaaniyaatti mana hidhaa keessa turanii fi yeroo adabbii isaanii xumuran 116 gara biyyaa akka deebi’an taasiisuu ibsameera.

Kan torbee darbee dabalatee Godaantoonni 160 yeroo adabbii isaanii xumuran gara biyyaa deebi’uu ragaan Taanzaaniyaatti Embaasiin Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment