Godaantonni 139 gara Itiyoophiyaatti deebi’an

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2016 (FBC)-Jibuutiitti Embaasiin Itiyoophiyaa Dhaabbataa Godaantotaa Idil Addunyaa waliin ta’uun, godaantota 139 gara biyyaatti deebisuu beeksise.

Deebitoonnis torban kana keessa marsa lamaan gara biyyaatti deebifamuun eerameera.

Daandiin Itiyoo-Jibuutii-Yemen naannawaa yakkoonni daangaa ce’oon itti gaggeeffaman ta’uu caalaa daandii guyyaa guyyaan lubbuu lammii du’aafsaaxilu ta’uun ibsameera.

Kana hambisuufis dhaabbileen miidiyaa hawaasaa barsiisuu, dhaabbileen nageenyaa ammoo hojiile ittisa yakka daangaa’aa ce’oo hojjechuu akka qaban akkasumaas godaantota gara biyyaatti deebisuun du’aatii godaansaan mudatuu hir’isuun murteessaa ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment