Godaansaa deebitoota kuma 28 oliif carraan hojii uumameera-Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Bara 2016 keessa godaansaa deebitoota kuma 28 oliif carraan hojii uumamuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Injiinar Solomoon Sookaa, bara baajatichatti lammiilee godaansaa deebi’aniif biyya keessatti carraa hojii akka argatan taasisuuf hojiileen jajjabeessaan hojjetamuu dubbatan.

Leenjiin ogummaa fi hojii gabaan akka hogganamu taasisuuf hojiilee hojjetamaniin, godaansaa deebitoota kuma 28 fi 380 oliif carraan hojii uumameera jedhan.

Deebitoota kanneenis waldaalee IMX’n gurmeessuu fi indaastiriiwwan waliin walitti hidhamiinsa uumuun carraaleen hojii kan uumameef ta’uu dubbataniiru.

Bara baajatichaattis lammiilee kuma 345 seera qabeessan hojii biyyaa alaatti bobbaafamuu dubbataniiru.

Bara 2017’ttis lammiilee kuma 700 ta’aniif carraa hojii biyyaa alaatti bobbasuuf karoorfamuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment