Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) – Lammiileen karaa seeraan alaa biyyaa bahanii turan kumni 180 gara biyyaatti deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiseera.
Dhiibbaa Godaansi seeraan alaa qaqqabsiisu ittisuu fi godaansaa deebitootaa deebisanii dhaabuuf waltajjiin sosochii uumuu magaalaa Maqaleetti eegalameera.
Waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti lammiilee karaa seeraan alaa biyyaa bahanii turan kuma 180 ol gara biyyaatti deebisuun danda’amuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Huuriyaa Aliin eeraniiru.
Godaansaa deebitoota deebisaanii dhaabuu fi Godaansa seeraan alaa ittisuun hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu kaasaniiru.
Lammiileen Karaa Sudaan, Liibiyaa fi Jibuutiin Gammoojjii Yeemanii fi Galaanoota adda addaa qaxxaamuruun gara Saa’uud Arabiyaa fi biyyoota Arabaa birootti karaa seeraan alaa godaanaan rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu ibsameera.
Sosochiin kunis rakkicha furuuf qooda qabaachuu eeramuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia