Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Godaambaan Saayinsii har’a eebbifame miidhagina magaalaa Finfinnee dabaluuf qooda olaanaa qabaachuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.
Godaambichi gama saayinsii fi teeknoolojiitiin giddu gala qo’annoof qorannoo ta’ee tajaajiluu danda’a jedhan.
Jiraattoonni magaalaa kanneen fedhii saayinsii fi teeknoolojii qaban godaambichi akka daawwatan afeeraniiru.
Piroojektichi giddu gala qo’annoo fi qorannoo ta’uun dhaloonni qorannoo saayinsii fi teeknolojiitiin akka dagaaguuf qooda qabaachuu isaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Godaambichi bifa kanaan akka hojjetamu qooda Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad qabaniif galata dhiyeessaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.