Gochaan waraanni Sudaan daangaa Ityoophiyaarratti raawwate waliigaltee idila addunyaa kan cabse ta’uu himame

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Gochaan waraanni Sudaan daangaa Ityoophiyaarratti raawwate waliigaltee idila addunyaa kan cabse ta’uu Komishiniin Daangaa Ityoo – Sudaan ibse.
Miseensonni Komishinichaa Ityoophiyaa bakka bu’an har’a ibsa laataniiru.
Miseensi Komishinichaa Ambaasaaddar Ibraahiim Indiriis Sudaan dhimma daangarratti furmaata laachuuf waliigaltee bara Faranjootaa 1972 mallattaa’e cabsuu himaniiru.
Akkaataa waliigaltichaan biyyoonni lamaan dhimma daangaarratti furmaata hanga teessisanitti haalli lafarra jiru akka itti fufu dirqisiisa jedhame.
Yaa ta’uutii Sudaan daangaa Ityoophiyaa ce’uun lafa qabachuun ishee waliigalticha kan cabse ta’uu ibsaniiru.
Gochichi oomisha qonnaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiisuu fi lammiileen akka buqqa’an taasiseera jedhame.
Biyyoonni lamaan seera waliigaltee idila addnuaa kabajuun karaa nagaan rakkoo jiru mariin furuu akka qaban kaasaniiru.
Sudaan waliigaltee bara Faranjootaa 1972 kabajuu akka qabdu miseensonni komishinichaa gaafataniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment