Gochaan suukaneessaa gareen ABUT raayyaa irratti raawwate hin dagatamu – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Gochaan suukanneessaan gareen Shotorkeessaa ABUT raayyaa ittisaarratti raawwate hin dagatamu jedhan Kaantiibaan Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Gooticha Raayyaa Ittisaa Biyyaa qajeelummaadhaan uummata Tigraayii tajaajilaa turee fi birmadummaa biyyaa kabachiisaa tureef gochi kun hin malu ture jedhan.

Dhaloonni kana beekee wareegama gootummaaf kaffalame akka yaadataniif egeree biyya saaniif wabii akka dhaabbatan hubachiisna jedhan.

Ammas shororkeessitoota, fakkeessitoota, gowwomsitootaa fi gantoota kanaan waraanatti kan jirruuf seenaa kana xumura itti gochuufii jedhan haasawa yaada Onkololeessa 24 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Naannoo ofii dammaqinaan tiksuu, Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun walabummaa biyyaa mirkaneessuun barbaachisaadhaa jechuun dhaamaniiru Aadde Adaanech.

Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee gama isaanitiin Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo dirqama biyyaa fudhatu akka itti wareegamu filannoof hin dhiyeessuu jedhan.

Ta’us gochi gantummaa ABUT tilmaamama keessa galee hin turre jedhan.

Wareegama guddaa seenaan hin daganne kanfallerraa, kanafis yaadachuun barbaachisee jedhan.

Gareen kun ammas dhaadannoo biyya diiguu qabatee kan jiru, lola kanatti injifannoo arganne jedhanii kan xumura itti godhan mitis jedhan.

Kanaaf yeroo wareegamtoota Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa waggaa kanaa yaadannu tokkummaa keenya cimsinee irree yakkamtootaa hurreessuun walabummaa biyyaa tiksuu qabna jechuun dhaamuu isaanii OBN gabaaseera

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment