Gochaan magaalaa Goondaritti raawwatame Duudhaa amantii kan cabsee fi fudhatama kan hin qabne – Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Gochaan magaalaa Goondaritti raawwatame Duudhaa amantii kan cabsee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa ibseera.
Qaamolee rakkoo nageenyaa Goondaritti uumame keessaa harka qabanirratti mootummaan tarkaanfii barsiisaa ta’e fudhachuu akka qabu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa gaafateera.
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa laateera.
Haleellaa magaalichatti qaqqabeen lubbuun namoota hedduu baduu, qabeenyi barbadaa’uu fi saamamuu Barreessaan Yaa’ichaa Liiqa Tiguuhaan Lubni Taagaay Taaddalaan eeraniiru.
Gochaan raawwatame Duudhaa amantii kan cabsee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Rakkicha furuuf tasgabbiin waliin mari’achuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Qaamoleen biyya jeequu fi walitti bu’iinsa garaagaraa uumuuf socho’an gochicharraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Lammiileen haala kana keessaa akka ba’aniif Dhaabbileen Amantaa fi hoggantoonni manneen amantaa jaalalaa fi tokkummaan hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Afawarq Iyyaayyuu fi Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment