Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Gochaa harcaatoonni garee ABUT Ityoophiyaa salphisuuf taasiisaa jiran xiiqiin qolchuuf kaaneerra jedhan Preezdaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoon.
Humna addaa Sidaamaa waamicha biyyaaf deebii laachuuf qophaa’ef kaleessa magaalaa Hawaasaatti gaggeessan taasiifameefira.
Tattaaffiin Gareen ABUT gara aangootti deebi’uuf taasiisaa jiru biyyaattiif qormaata ta’aa jiraachuu obbo Dassitaan saganticharratti himaniiru.
Rakkoo Kaaba biyyattiitti uumame qolachuuf tokkummaan dhaabbachuun kabaja uummataa itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Humni addaa naannoo Sidaamaa daangaa biyyaa kabachiisuu fi eeguuf Ityoophiyaanota biroo waliin hiriiruuf ejjennoo fi murannoo qabaachuu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.