Gochaa daldala seeraan alaa deeggaruun Birrii kuma 50 fi adabbii cimaa waggaa 5 adabsiisa

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC) – Hojii Daldalaarratti bobba’uu baataniis qaamni gochaa daldala seeraan alaaf tumsa taasiisee argame adabbii maallaqa Birrii kuma 50 fi adabbii cimaa waggaa 5 kan adabamu ta’uu ibsameera.

Jijjiirama diinagdee Gooroo gadi fageenyaan ilaalamuu qaba malee irra keessa ilaalamuun irra hin jiraatu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa Jijjiirama Diinagdee Gooroo taasiifame ilaalchisee marii qaamolee garaagaraa waliin taasiisaniin.

Qaamoleen seera raawwachiisan daldaaltota seeraan ala socho’anirratti tarkaanfii akka fudhatan itti gaafatamummaan kennamuufii kaasaniiru.

Sosochiin daldalaa seeraan alaa yakkaan kan nama gaafachiisu ta’uu Ogeessi seeraa Abinnat Zarfuun himaniiru.

Meeshaalee daldalaa dhoksuu fi Kuusuun seera darbuu ta’uu himaniiru.

Qaamni gochaa kana raawwattee argame gurgurtaa waggaa isaarraa % 5 – %10 kan adabamu, akkasumas adabbii cimaan waggaa 5 kan isa eegatu ta’uu kaasaniiru.

Qaala’iinsi jireenyaa fi gatii akka uumamu kan taasiisees adabbiin walfakkaatu kan isa eegatu ta’uu dubbataniiru.

Hojii Daldalaarratti bobba’uu baataniis qaamni gochaa daldala seeraan alaaf tumsa taasiisee argame adabbii maallaqaa Birrii kuma 50 fi adabbii cimaa waggaa 5 kan adabamu ta’uu Ogeessi seeraa Abinnat Zarfuun eeraniiru.

Kanaafuu hawaasni daldalaa fi shamattonni adeemsa seeraa hordofuun dirgamaa fi mirga isaanii beekuun hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatu cimsee itti fufuu akka qabu gaafatachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment