Gochaa badii gareen shororkeessaa ABUT raawwate hawaasa idil addunyaaf saaxiluun barbaachisaadha – Moorigaan Aritiiyuukinaa

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Dhiittaa mirga namoomaa gareen shororkeessaa ABUT raawwate dookumantariiwwan hojjechuun hawaasa idil addunyaaf raabsuun barbaachisaa ta’uu Barreessituun Ispuutiiniik fi Giloobaal Taayimsi Moorigaan Aritiiyuukinaa ibsite.
Miidiyaaleen biyyoota Lixaa tokko tokko garichi sarbama mirga namoomaa lammiilee nagaarratti raawwachuu osoo beekanuu olola sobaa tamsaasaa jiraachuu kaasaniiru.
Barreessituun Ispuutiiniik fi Giloobaan Taayimsi Moorigaan Aritiiyuukinaa turtii Iskaayipiin Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin mootummaan Ameerikaa dhimma keessoo biyya tokkoo gidduu seenuu wayita barbaadu Miidiyaalee kanneen fayyadamuun ilaalcha hawaasa idil addunyaa jijjiiruuf dursee ajandaa bocee olola sobaa tamsaasuu kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
Miidiyaaleen kunneen akkuma Ityoophiyaarratti olola sobaa tamsaasaa jiran biyyoota akka Iraaq, Liibiyaa, Veenzuweelaa fi kanneen biroorratti olola sobaa tamsaasaa turuu himaniiru.
Miidiyaaleen akka Ispuutiniik ammoo faallaa isaaniin dhugaa jiru saaxiluuf hojjechaa jiraachuu kaasaaniiru.
Akka fakkeenyatti Dippiloomaatoonni Ameerikaa fi Awurooppaa walga’ii iccitii miseensota garee shororkeessaa ABUT waliin taasiisan kan saaxile Ispuutiniik ta’uu eeraniiru.
Yeroo itti aanu miidhaawwan gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaa fi qabeenyarra qaqqabsiise ilaalchisee dookumantarii hojjechuun hawaasa idil addunyaaf raabsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Duulli Nigahaa miidiyaalee Biyyoota Lixaa fi Ameerikaa kan qaanesse ta’uu fi Afrikaarra darbee sosochii idil addunyaa ta’uu isaa eeraniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment