Gocha gara jabinaa garee shororkeessaa ABUT Aministii Internaashinaal ifoomse dhalli namaa hundi balaaleffachuu qaba jedhame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (FBC) – Gocha gara jabinaa garee shororkeessaa ABUT Aministii Internaashinaal ifoomse dhalli namaa hundi balaaleffachuu akka qabu Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen gocha gara jabinaa garee shororkeessaa ABUT Aministii Internaashinaal ifoomse dhalli namaa hundi balaaleffachuu akka qabu ibseera.

Dhiittaa mirga namoomaa garee shororkeessaan kun bakkeewwan weeraree qabatetti raawwachaa jiru mootummaan karaa garaagaraan beeksisaa turuu eerameera.

Gabaasni Aministii Internaashinaal baases dhiittaa mirga namoomaa garee shororkeessaan ABUT geessisaa jiru kan ifoomse ta’uu ibsameera.

Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa Nifaas Mawucaatti gudeeddii dabalatee yakka gara jabinaa garaagaraa raawwachuu isaa Aministii Internaashinaal Mirkaneeffachuu ibsameera.

Ammas Garee shororkeessaan ABUT bakkeewwan weeraree qabatetti yakka kana caalu raawwachaa jiraachuu ibsameera.

Dhaabbileen mirga namoomaa qorannoo isaanii bal’isuun gocha gara jabinaa kana hawaasa idil addunyaatti beeksisuuf itti gaafatamummaa kan qaban ta’uu eerameera.

Gareen diina dhala namaa ta’e kun yakka kana caalu osoo hin raawwatiin uummanni Ityoophiyaa tokko ta’uun dhaabuu akka qabu, hawaasni idil addunyaas balaaleffachuu akka qabu ibsameera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment