Girmaan tattaaffii fi murannoon Ityoophiyaa guddoo ijaaruun ni danda’ama jedhee hogganaa amanu ture – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Eebla 22, 2015 (FBC) – Obbo Girmaa Yeshiixilaan hogganaa olaantummaa yaadaatti amanu kan ture ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Girmaan tattaaffii fi murannoon Ityoophiyaa guddoo ijaaruun ni danda’ama jedhee hogganaa amanu kan ture ta’uu Obbo Fiqaaduun gaggeessaa Reeffa isaa Addabaabayii Michummaatti taasifamerratti haasawa taasisaniin dubbataniiru.

Obbo Girmaan hogganaa of caalaa waahillaniif, biyyaa fi kaayyoof yaadu ta’uu kaasaniiru.

Rakkooleen mariin furamaata ni argatu jedhee kan amanu, bilchinaan kan hojjetu jaallee qabsoo cimaa turan jedhan.

Itti gaafatummaa biyyaa, ummataa fi mootummaa itti laatame ga’umsaan ba’aa nama ture goota ilma ummataa ta’uu kaasaniiru.

Kaayyoo inni wareegamef galmaan ni geenya jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment