Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Giraanviil Inarjiin Itiyoophiyaatti ijaarsa giddugala guuchisa humnaa konkolaattota elektirikaafi oomisha baatirii irratti bobba’uu akka barbaadu ibseera.
Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Baroo Hasan Ofisara Olaanaa Giraanviil Inarjii Taabii Tii Taabii waliin mari’ataniiru.
Mariisaaniin, haala geejjiba magariisaan keessumaa dameewwan konkolaattotaafi kanneen biroo humna elektirikaafi soolaariin hojjetan irratti waliin hojjechuu haala danda’an irratti mari’ataniiru.
Itiyoophiyaatti geejjiba magariisaa babal’isuuf ogeeyyiin damichaa mootummaafi damee dhuunfaa hirmaannaa gochaa jiraachuu Obbo Baroo Hasan ibsaniiru.
Damecha deeggaruuf imaammanniifi tarsiimoon qophaa’uu kaasanii, qaamolee damicharratti bobba’uu barbaadan waliin imaammata kanneen hojiirra oolchuuf ni hojjetama jedhan.
Taabii Tii Taabiin gamasaaniin, Giraanviil Inarjiin Itiyoophiyaatti ijaarsa giddugala guuchisa humnaa konkolaattota elektirikaafi oomisha baatirii irratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia