Giiniin weerarri vaayrasii iboolaa muuldhachu ifoomsite

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2013 (FBC)- Vaayrasii iboolaatiin lubbuun namoota 3 darburratti hunda’ee vaayrasichi bifa weeraraatin muuldhachuu Giiniin ifoomsiteetti.
Biyyattitti weerara vaayrasii iboolaa muul’chuun walqabsiisee lubbuun namoota 3 yoo darbu, namoota 4 irratti ammoo vaayrasichii muuldhateera.
Kutaa bahaa biyyattitti sirna awwalchaarratti namoota hirmaata keessaa 7 irratti mallattoo vaayrasicha ol deebiisuu, dhiiguu fi garaa kaasaan akka irratti muuldhatee ibsameera.
Namoonni vaayrasichirratti muuldhatee yeroo amma kana tursiisa addaa keessaatti akka argaman Ministeerri Fayyaa Giinii beeksiseera.
Giiniitti yeroo vaayrasichii bara Faranjoota 2013 hanga 2016tti kan ture yoo ta’u, lubbuu namoota kuma 11 fi 300 galafateera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas weerarri vaayrasii iboolaa Giiniitti muuldhatee akka isaa yaaddessee ibsuun isaa ni yaatadama.
Maddi:-Aljaziira
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment