Magaalaa Jigjigaatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaan 2 waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw ijaarame eebbifame

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)-Naannoo Sumaalee magaalaa Jigjigaatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaan 2 waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw ijaarame eebbifameera.
Sirna eebbichaarratti Giiftii Dureen Ityoophiyaa aadde Zinaash Taayyaachaw, itti aanaan preezdaantii naannoo Sumaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi hooggantoonni hojii mootummaa naannichaa argamaniiru.
Manneen barnoota kunneen gamoo bulchiinsa, daree barnootaa, mana kitaabaa, galmaa walga’ii fi mana qulqullina of keessaa qabu jedhameera.
Giiftiin Dureen Zinnaash Taayyaachaw bara darbee magaalaa Jigjigaatti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa 2 baasii Birrii miiliyoona 20 akka ijaaramuuf dhagaa bu’uura ka’uun isaanii ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment