Waajjirri Giifti Duree Warshaa Daakuu fi Daabboo Harariitti ijaarsise eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC)- Waajjirri Giifti Duree Warshaa Daakuu fi Daabboo 7ffaa Magaalaa Harariitti ijaarsise eebbifamuun tajaajilaaf namaa ta’e.

Sirnicharratti Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Ittaantuu Pireezidaantii Naannoo Hararii Aadde Misraa Abdaallaa fi qondaaltonni naannichaa biroon argamaniiru.

Warshaan daakuu fi daabboo eebbisiisan kunis guyyaatti daakuu kuntaala 420 fi daabboo kuma 300 kan oomishuu ta’uun ibsameera.

Namoota 150 oliifis carraa hojii kan uumu ta’uu ragaan Waajjira Giifti Durrerraa argame ni mul’isa.

Fuuldurattis, magaalota shanitti warshaaleen ijaaramaa jiran xumuramanii hawaasaaf tajaajila akka kennaniif ijaarsi isaanii saffisaa jiraachuun eerameera.

Dabalataanis, Giifti Duree Zinnaash, Magaalaa Harariitti biqiltuu dhaabaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment