Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon giiftii dureewwan biyyoota Afrikaaf simannaa taasisan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2015 (FBC) – Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon giiftii dureewwan biyyoota Afrikaaf masaraa mootummaatti simannaa taasisaniiru.

Giiftii dureewwan biyyoota Afrikaa Yaa’ii Idilee waliigalaa dhaabbata misoomaa giiftii dureewwanii Afrikaa 27ffaarratti hirmaachaa jiran 12 fi jila isaaniif simannaa taasisaniiru.

Simannicharratti oomishaaleen aadaa garaagaraa agarsiisaf dhiyaataniiru.

Yaa’ichi Guraandhala 8,2015 eegalee mata duree “hanqina walqixummaa koorniyaa cufuu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Fireehiyiwaat Saffiitu gabaase.

#Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment