Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo manneen ijaaran jiraattotaaf dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti manneen jireenyaa fi suuqiiwwan ijaaran jiraattotaaf dabarsaniiru.

Jiraattota haala rakkisaa keessatti argamaniif mana ijaaruuf baatii lamaan dura naannawicha daawwaachuun ijaarsa manneen kanneenii eegalchiisuun isaanii kan yaadatamuudha.

Guyyoota 75 keessatti manneen jireenyaa 20 fi suuqiiwwan 15 ijaarsi isaanii xumuramuun har’a jiraatotaaf kennamaniiru.

Manneen kunneenis jiraattota dhukkuba juuzaamiif saaxilaman, harka qalleeyyii fi miidhamtoota qaamaaf ta’uun eerameera.

Manneen kunneen Birrii miiliyooan 20 oliin lafa karee meetiraa 800 irratti kan ijaarame ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment