Giiftii duree Zinnaash Taayyaachaw qaroo dhabeeyyii 100 ta’aniif maaddii qoodan

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC)- Giiftii duree Zinnaash Taayyaachaw bara haaraa sababeeffachuun har’a qaroo dhabeeyyii 100 ta’aniif maaddii qoodaniiru.

Maaddii qoddannichaan qaroo dhabeeyyiif ruuzii, zaytaa fi daakuu laataniiru.

Waajjiirri Giiftii duree Zinnaash Taayyaachaw harka qalleeyyi, maanguddoota, qaama miidhamtootaf kanneen biroof deeggarsa namooma akka taasisu beekamadha.

Waajjirichi waliin ga’iinsa barnoota baal’isuuf iddoowwan garaagaraatti manneen barnoota ijaaruun qooda isaa baha jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment