Gidduugalli Leenjii Addaa leenjii bu’uuraa loltummaa laachuu eegale

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC)- Gidduugalli Leenjii Addaa leenjii bu’uuraa loltummaa laachuu eegaleera.

Ajajaan gidduugalichaa Koloneel Waaleeliny Taaddasaa, leenjitootaaf haasawaa baga nagaan dhuftaan jedhaniiru.

Kaka’umsa olaanaan amanamummaa fi qajeelummaan biyya keessan tajaajiluuf Raayyaa Ittisa biyyaatti makamuuf gara gidduugala leenjii kanaa dhufuu keessanitti hedduu gammadeeraa jedhan.

Garee Shororkeessaa Juuntaa dhabamsiisuuf leenjiiwwan loltummaa giduugala kanatti kennamanii fi beekumsa saayinsii loltummaa waliin dabaaluun leenjii kennamu sirnaan akka hordofan dhaamuusaanii ragaan Ministeera Raayyaaa Ittisa Biyyaa irraa argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment