Giddugaloonni waldhaansa dhibee kaansarii 3 waggaa tokko keessatti gara hojiitti akka galaniif hojjetamaa jira- Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Guraandhala 15, 2015(FBC)- Giddugaloonni waldhaansa dhibee kaansarii Hawaasaa, Goondariifi Maqalee baatiiwwan ja’aa hanga waggaa tokko keessatti gara hojiitti akka galaniif hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa ibse.

Yeroo ammaa waldhaansi dhibee kaansarii giddugaloota wal’aansa dhibee kaansarii sadii keessatti kennamaa jiraachuu Ministeerichatti Gorsaan To’annoo Kaansarii Dooktar Kuunuuz Abdallaan Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Giddugaloota dabalataa sadii gara hojiitti galchuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hospitaala Xuqur Anbassaa dabalatee giddugaloonni waldhaansa dhibee kaansarii Jimmaafi Haramayaa gara hojiitti galuun dhiibbaa jiru hanga ta’e salphisuu eeraniiru.

Giddugalli waldhaansa dhibee kaansarii Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaatti waldhaanamtoota hanga 110 keessummeessaa jiraachuu hogganaan kutaa kaansarii giddugalichaa Dooktar Amaaraa Asaffaan ibsaniiru.

Giddugalichi guyyaatti hanga waldhaanamtoota 250 keessummeessuuf maashina dabalataa galchaa jiraachuu dubbataniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment