Giddugaloonni hojiilee mootummaa gama diijitaalaan hojjechiisuu dandeessisan dhaabbilee 6 keessatti hundaa’uufi

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Giddugaloonni hojiilee mootummaa gama diijitaalaan hojjechiisuu dandeessisan dhaabbilee 6 keessatti hundaa’uuf ta’uu ibsame.

Giddugaloota kanneenitti hojiimaanni hojiileen mootummaa osoo addaan hin ciccitiin, bakkaa fi yeroon osoo hin daangeffamiin akka hojjetamuuf dandeessisu kan hojiirra oolu ta’uu ibsameera.

Projektichi boqonnaa jalqabaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Ministeera Maallaqaa, Ministeera Barnootaa, Abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Ityoophiyaa fi Proojektii Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa keessatti hojiirra kan oolu ta’uu eerameera.

Proojekticha kan hojjetu dhaabbata “IE Network Solution” ta’uu fi guyyoota 120 keessatti xumuree dabarsuuf waliigaltee mallatteessuu himameera.

Tarsiimoon diijitaalaa 2025 hirmaannaa damee dhuunfaa malee dhugoomuu akka hin dandeenyee fi hojiilee misoomaa hundarratti dameeleen dhuunfaa abbummaan hirmaachuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii aadde Huuriyaa Alii dhaamaniiru.

Hojiilee proojektii diijitaal Faawundeeshinii jalatti hojjetamaa jiran keessaa misoomni giddugala walitti hidhamiinsa hojii mootummaa tokko ta’uu kaasuun hojiimaatichi hojiileen dhaabbilee mootummaa yeroo fi bakkaan osoo hin daanga’iin kan itti hojjetaman ta’uu addeessaniiru.

Proojektichi boqonnaa lammataan nannolee dabalatee manneen hojii mootummaa 50 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu himuu isaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment