Giddugaloonni ijaaraman onuurra galii akka maddisiisaniif hojjetamaa jira-Koorporeeshinicha

Finfinnee, Mudde 11, 2017 (FMC)- Giddugaloonni Ce’umsa Baadiyyaa Oromiyaatti ijaaraman onanii taa’uurra kaayyoo ijaaramaniif utuu hinfaallessin galii akka maddisiisaniif hojjetamaa jiraachuu Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastrii Oromiyaa beeksise.

Oromiyaatti Giddgaloonni Ce’umsa Baadiyaa ja’aa itti dhiyeenya Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti ijaaramuun tajaajilaaf ga’uun ni yaadatama.

Sadarkaa sochii giddugaloota kanneen ilaalchisee Hogganaa Itti Aanaan Koorporeeshinichaa Obbo Mangistuu Raggaasan Faanaa Dijital Miidiyaaf ibsa kennaniiru.

Obbo Mangistuun akka jedhanitti, giddugaloonni ijaaraman hanqinaa bu’uuraale misoomaa muraasarraan kan hafe guutummaatti xumuramaniiru.

Kaayyoon giddugaloota kunneenii omishaalee qonnaa galtee indaastirii ta’an sadarkaa jalqabaatti qindeessuun dhiyeessuu ta’uu eeranii, kaayyoo ijaaramaniif utuu hinfaallessiin galii akka maddisiisan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Invastaroonni Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti seenanitti hanga hojjetanitti tajaajilaa mankuusaa sanyii filatamaaf oolchuu, sirna qorrisiuu kuduraalee fi fuduraaleef akka oolan taasifamuus ibsaniiru.

Qonnaan bultoota gurmeessuun giddugalichatti akka hojjetaniif hojiin hubannoo uumuu fi yuuniyenoota waliin hojjechuun eegalamuus himaniiru.

Oomishaaleen qonnaa gabaarratti barbaadaman yeroon gabaa akka argataniif walitti hidhamiinsi gabaa umamaa jiraachuu kan kaasan Obbo Mangistuun, tumsaa fi qindoomina seektaraalee hedduu waan barbaaduuf seektaroota gargaaraa waliin hojjetamaa akka jiruus mirkaneessaniiru.

Duraan oomishaalee dheedhii kallattiin gabaaf dhiyaataa turan sona dabaluun dhiyaassuuf giddugalichi gumaacha olaanaa akka qabu eeranii, hanga ammaatti jalqabiiwwan gaggaarii jiran jedhan.

Giddugalichi humna guutuun wayita hojii eegalu oomishi sona utuu hindabalatiin akka gabaaf hindhiyeenne ni taasisaan abdii qaban ibsaniiru.

Dabalataan walitti hidhamiinsa gabaa qonnaan bultootaa furuu, omishi yeroon gabaa akka argatuu fi fuuncaa sonaa indastriiwwanii saffisiisuuf carraa bal’aa kan uumuudha jedhaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment