Giddugallii Tajaajila wal’aansa Sammuu Hospitaala Yuunivarsiitii Dirre Dhawaa Eebbifame

Finfinnee, Hagayya 10, 2016 (FBC) –Giddugalli Tajaajila Wal’aansa Sammuu Hospitaala Rifeeraalaa fi Barnootaa Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa eebbifameera.
Dhibee sammuu babal’acha jiru hir’isuu fi to’achuuf giddugalli wal’aansa sammuu gahee olaanaa qabaachuu Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimma Qorannoo fi Ce’umsa Teeknooloojii Yuunivarsiitichaa Dooktar Tamaam Awwal dubbataniiru.
Yuunivarsiitichi humna namaa barbaachisu giddugalichaaf ramaduun tajaajilicha kennurra darbe damichaan humna nama baratee horachuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Diiniin Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Dirre Dhawaa Dooktar Huseen Mahammad gamasaaniin, giddugalli Wal’aansa Sammuu kun galteewwan barbaachisuun guutamee yeroo gabaabaa keessatti hojitti galuu ibsaniiru.
Giddugalichi har’arra eegalee tajaajila kennuu eegaluunis eerameera.
Maqdas Darajjeetu gabaase.
Comments (0)
Add Comment