Giddugalli ragaalee Doolaara miiliyoona 130 ijaarame hojii eegale

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Paarkii Teeknooloojii Quunnamtiif Odeeffaannoo keessatti Doolaara miiliyoona 130’n ijaarame Giddugalli ragaalee “Red Fox Solution” har’a tajaajila kennuu eegaleera.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Obbo Sandookaan Dabbabaa, Hoji Gaggeessaan Dhaabbata “Red Fox Solution Group” Obbo Adaanee Kaasaayee akkasumas qondaaltonni mootummaa fi keessummoonni biroon bakka argamanitti eebbiffamuun tajaajila kennuu eegaleera.

Obbo Sandookaan Dabbabaa saganticharratti haasawaa taasisaniin, dhaabbatichi qormaatilee hedduu keessa darbuun, yeroo gababaa keessatti hojii invastimantii dhugoomsuun, beekumsa, muuxannoo fi murannoo gahaa akka qabu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, Ityoophiyaaf damechaan invastimantii qofa utuu hintaane furmaata waaraa kan qabu ta’uu kan argisiisuudha jedhan.

Mootummaan dameewwan xiyyeeffannaa kennee hojjechaa jiru shan keessaa Teeknooloojiin Quunnamtiif Odeeffannoo tokko ta’uu eeruun, invastimantii hawwachuuf deeggarsa invastimantiiwwan akkanaaf taasifaman cimanii itti fufu jedhan.

Dhaabbanni “Red Fox” lammiilee Ityoophiyaa 10’n kan hundeeffame yoo ta’u, paarkii Teeknooloojii Quunnamtii fi Odeeffanno keessatti lafa hektaara tokkoorratti ijaaramuun hojii eegaleera.

Dhaabbanni kun lammiilee 72’f carraa hojii kan uume yoo ta’u, damechaan ga’umsa Ityoophiyaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uus ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment