Giddugalli Raawwii Ergama Naannawaa Kaartuum yakkoota daangaa ce’oo ittisuurratti gahee olanaa bahachaa jira jedhame

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)-Giddugallii Raawwii Ergama Naannawaa Kaartuum yakkoota daangaa ce’oo ittisuurratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu Intarpool ibse.

Miseensa giddugalichaa kan taate Ityoophiyaan yakkamtoota yakkaa hojjechuun miliqan saaxiluu fi dabarsitee kennuurratti kutannoon hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjiin gamaaggamaa pirojektii giddugalichaa bara faranjoota 2022 hanga 2025’tti hojiirraa ooluu Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Giddugalichi deeggarsa Gamtaa Awurooppaa Yuuroo miiliyoona shaniin kan socho’u pirojektii Gamtaa Afrikaa jalatti hundaa’e yoo ta’u, Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 11 yakkoota daangaa ce’oorratti walta’iinsaan kan hojjetaniidha.

Ityoophiyaa, Ijibti, Sudan, Sudaan Kibbaa, Jibuutii, Eertiraa, Keeniyaa, Liibiyaa, Tuuniziyaa, Ugaandaa fi Somaaliyaatti yakkoota daangaa ce’oo waloon ittisaarratti jijjiiramni qabatamaan dhufuun ibsameera.

Hanga ammaatti gama giddugalichaan ragaalee yakkaa 700 ol walitti qabuun biyyoonni miseensotaa waloon akka ittisan taasisuuf odeeffannoon Intarpooliif dhiyaachuun ibsameera.

Pirojektiin giddugalichaa marsaa 2ffaan erga ifoomee Caamsaa 2022 eegalee Intarpoolii fi biyyoonni misensotaa waliin ta’uun saaxilamtotaa kuma 2 fi 200 ol, daddabarsitoota seeran alaa harkaa baasuun akka danda’mee eeramuu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment