Giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa Jimmaa, Haramayyaa fi Naqamtee torbee dhufu hojii ni eegalu

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – Giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa Jimmaa, Haramayyaa fi Naqamtee torbee dhufu hojii ni eegalu jedhame.
 
Naannooleen weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf giddugala qorannoo laaboraatoorii fi iddoo kunuunsa garaagaraa magaalootaatti hundeessaa jiru.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa weerara vaayrasii koroonaa qolachuuf xiyyooffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhame.
 
Naannichaatti giddugalli jalqabaa magaalaa Adaamaatti Kibxata darbe hojii eegaleera.
 
Ijaarsarra kan jiran giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa Jimmaa, Haramayyaa fi Naqamtee torbee dhufu hojii kan eegalan ta’uu ibsameera.
 
Ogeeyyiin giddugalichaatti hojjetanis leenjii barbaachisu fudhachaa jiru jedhame.
 
Dabalataan meeshaleen qorannoof barbaachisan hundi guuttamuu isaanii ibsameera.
 
Yuunvarsiitii Haramayyaatti maashinoonni qorannichaaf tajaajilan lama qophaa’uu isaanii daayreektarri Koollejjii Saayinsii Fayyaa Yuunvarsiitichaa Dooktar Yaadataa Dassee himaniiru.
 
Giddugalichi yeroo hojii eegalee guyyaatti namoota 700f qorannoo taasisuu danda’a jedhan Dooktar Yaadataan.
 
Yuunvarsiitii Jimmaattis maashinoonni lama qophaa’uu daayreektarri Instiityuutii Fayyaa Yuunvarsiitichaa Dooktar Mahaammad Abbaa Maccaa ibsaniiru.
 
Namoota vaayrasichaan qabaman kan tajaajilu sireewwan 200 fi namoota shakkaman kan tajaajili sireewwaan kumni 3 ol tajaajilaaf qophii ta’uu isaanii Dooktar Mahaammad himaniiru.
 
Yuunvarsiitii Wallaggaatti maashinoonni 6 tajaajilaaf qophaa’uu isaanii Preezdaantiin Yuunvarsiirichaa Dooktar Hasan Yeesuuf ibsaniiru.
 
Giddugalichaatti meeshaalee fi ogeeyyii barbaachisu guutuun torbee dhufu hojiin ni eegalama jedhan Dooktar Hasan.
 
Afawarqi Alamuutu gabaase.
 
 
 
Comments (0)
Add Comment