Giddugalli qindeessaa yeroo muddamaa godina Matakkalitti akka hundaa’uu murtaa’e

Finfinnee, Muddee 18, 2013 (FBC) – Koreen Biyyaaleessa Deebii kennaa giddugalli qindeessaa yeroo muddamaa (emergency operation center) waliigahii taa’een giddugalili qindeessaa yeroo muddamaa godina Matakkalitti akka hundaa’uu murtee dabarse.
Koreen kun adeemsa seera kabachiisuu kutaa Kaaba biyyattiitti hojjatameen rakkoo hawaasummaa fi namoomaa muudateef raawwii keenninsa deebii hatattamaa irratti kennamaa turee waliigahiisaatiin qorateera.
Koreen Biyyaaleessa Deebii kennaa Giddugalli Qindeessaa Yeroo Muddamaa (Emergency Operation Center) kun gidduugalii qindeessaa yeroo muuddamaa godina Matakkalitti akka hundaa’uus murtee dabarseera.
Koreen ministirootaa kun ajandaa isa duraatiin Naannoo Beenishaanguul Gumuuz Godina Matakkalitti sababa rakkoo nageenyaa muudateen namoota qee’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif dhiheessi deeggarsa namoomaa hatattamaa geessuu qorateera.
Kanamalees tarkaanfi seera kabachiisu Naannoo Tigiraayii fi naannoolee ollaa Amaaraa fi Afaar irratti fudhatameen booda adeemsa raawwii nageenya isaa gara duritti deebisuu fi lammiilee waaraan deebisani ijaaru qorateera.
Ragaan Ministeera Nageenyaa irraa argannee akka mul’isuutti, Koreen ministeerichaan durfamuu gareen qaamoolee keenninsa deeggarsa namoomaa feederaala, naannoo , godinaa fi kannneen biroo Naannoolee Tigiraay, Afaar, Amaaraa akkasumas Naannoo Beenishaanguul Godina Matakkal akka argaman ibsee jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment