Giddugalli odeeffannoo Balaa Fayyaa Hawaasaa Biyyaalessa afaanota biyya keessaa 5’n tajaajila kennu hojii diijitaalaa eegale

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Giddugalli odeeffannoo Balaa Fayyaa Hawaasaa Biyyaalessa afaanota biyya keessaa 5 tajaajila kennu hojiimaata diijitaalaa eegaluu ibsame.

Giddugalichi Ministeerri Fayyaa fi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Faawundeshinii Maastar Kaardii waliin ta’uun kan qopheesan ta’uu eerameera.

Giddugalichi dhukkuba maariyyee jaldeessaa, vaayrasii koroonaa, busaa, koleeraa fi raammoo geerii irratti odeeffannoo hawaasaaf kan kennu ta’uu ibsameera.

Sirni tajaajila diijitaalaa kun odeeffannoo yeroo isaa eeggate, amanamaa hawaasaan gahuufi eeruwwan fudhachuun sirna fayyaa Ityoophiyaa kan fooyyessuu ta’uu Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Dooktar Masaay Hayiluu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin gamasaaniin, tajaajilli diijitaalaa kun maamiltoota hedduu al tokkotti keessummeessuun, gaaffilee irra deddeebiif si’aayinaan deebisuuf, eeruuwwan fudhachuu dandeessisuu fi afaanota garaagaraan tajaajila kennuun diijitaalaayizeeshinii damee fayyaa kan fooyyessu ta’uu eeruu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment