Giddugalli Misooma Kalaqa Teeknooloojii ijaaramuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Deeggarsa mootummaa Kooriyaan giddugalli Misooma Kalaqa Teeknooloojii ijaaramuuf ta’uu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.

Ministeerichi Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaa waliin haala deeggarsa ijaarsa giddugalichaarratti mari’ateera.

Giddugalichi baasii mootummaa Kooriyaa Doolaara kuma dhibba 6 paarkii ICT keessatti kan ijaaramu ta’uu fi abbootiin kalaqa teeknooloojii hojiilee kalaqa isaanii bakka itti misoomsanii fi gara daldalaatti jijjiiran ta’uu ibsameera.

Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiitti deeggarsa Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaan hanga bara 2025tti proojektiin Doolaara miiliyoona 10 bocamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Proojektii kanaan dhaabbileen teeknooloojii jalqabaa 10 deeggaramaa jiraachuu fi  maallaqni ka’umsaa hanga Doolaara kuma 5 kennameefii yeroo dhiyootti kan eebbifaman ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayisaa Badhaadhaan eeraniiru.

Ittaanaan bakka bu’aa ejensichaa Shiinyaang Liin gamasaaniin Ityoophiyaatti hojiileen kalaqaa akka babal’ataniif deeggarsi mootummaan Kooriyaa taasisu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment