Giddugalli Leenjii Loltummaa Huursoo Koontijeent loltoota bu’uraa leenjisaa ture eebbisiisa jira

Aanaa Tokkee Kuttaayeetti rasaasoonni kumni 3 fi 52 to’annaa jala oolan

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC)-Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti Giddugalli Leenjii Huursoo loltoota leenjisaa ture marsaa 3ffaaf eebbise.

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC)-Ministeeraa Raayyaa ittisa biyyaatti giddugalli Leenjii Loltummaa Huursoo Koontijeent Loltoota bu’uraa leenjisaa ture eebbisiisa jira.

Guddugalichi marsaa 3ffaaf leenjitoota kunneen eebbisiisa kan jiru.

Sirna eebbichaarratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin argamaniiru.

Aggaammii keessaa fi alaa Ityoophiyaa irratti godhamu tokkummaan dura dhaabbachuuf qophoofneerra jadhan eebbifamtoonni giddugala leenjii loltummaa Huursoo.

Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Giddugala Nageenyaatti Giddugalli Leenjii Loltummaa Huursoo loltoota bu’uraa marsaa 3ffaa leenjisaa ture bakka hooggansi olaanaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa argamanitti eebbise.

Eebbifamtoonni miseensa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa tahuu isaanitti baay’ee gammachuu akka qaban himuun, dargaggoonni biyya isaaniitiif qabsaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Humnoonni keessaa fi alaa Ityoophiyaa diiguuf hojjachaa jiran Itoophiyaa diiguun akka hin danda’amne hubatanii harka isaanii sassaabbachuu akka qabaniis dhaamaniiru.

Koloneel Isheetuu Dhaabaa fi Shaambal Teedroos Waliyyii Giddugala Leenjii Loltummaa Huursootti Leenjistoota Leenjiin miseensoota goota Raayyaa Ittisa Biyyaa marsaa 3ffaaf kanname humnoota keessaa fi alaa qolachuuf kan dandeesisuudha jadhan.

Itaamaajoor Shuumii Humna Waraanaa Waliigalaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa akka himanitti eebbifamtoonni yeroo murteessaa keessatti biyya balaa jalaa baraaruuf murteessuu isaaniitiif galata dhiyeessaniiru.

Muummee Ministiraa fi Ajajaan waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Fedaraalaa Dooktar Abiy Ahimad gamasaniin, eebbiifamtoonni biyya abboottiin keenya lafee isaanii itti capsanii dhiiga isaanii dhangalaasanii asiin gahan eeguufi tajaajiluuf carraa argachuu keessaniif baga gammaddan baga abbaa carraa taatan jadhan.

Humnoota Ityoophiyaa diiguuf hojjatan tokkummaan dura dhaabbachu qabna jadhaniiru.

Qiddist Tesfaayeetu gabaase

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment