Giddugalli Leenjii Faanaa eeyyama beekkamttii argate

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Giddugalli Leenjii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet leenjiiwwan gaggabaaboo akka kennuuf Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa eeyyama beekkamttii argateera.

Giddugalli leenjichaa waggoottan lamaan darbanitti leenjiiwwan gaazexeessummaa fi kominikeeshinii kennuuf qophii taasisaa turuu ibsameera.

Giddugalichi guyyaa har’aa Abbaa Taayitaa Qulqullina Barnootaa fi Leenjii madaallii ga’umsaa fi Mirkaneessa ogummaa magaalichaarraa eeyyama beekamtii argateera.

Eeyyama beekkamtii kana Abbaa Taayitaa Qulqullina Barnootaa fi Leenjii madaallii ga’umsaa fi Mirkaneessa ogummaa magaalichaatti Daayreektarri Daayreektoreetii Eeyyamaa fi haaromsa Barnootaa fi Leenjii dhaabbilee aadde Ye’ayibee’abbabaa Sarguu hoji gaggeessaa olaanaa FBC obbo Admaasuu Daamxootti kennaniiru.

Habbanihoom Sisaaytu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment