Giddugalli Leenjii Birshalaqoo marsaa 34ffaaf leenjitoota leenjii waraanaa fudhataa turan eebbisiise

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Giddugalli Leenjii Loltummaa Birshalaqoo leenjitoota waraanaa marsaa 34ffaaf tooftaa waraanaa garagaraan leenjisaa ture eebbisiiseera.

Sirna eebbaa kanarratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisaa argamaniiru.

Giddugalli Leenjii Koontiinjantii Waraanaa Huursoos guyyaa lama dura leenjitoota leenjii tooftaa waraanaa fudhatan hedduu leenjisuun kan yaadatamuudha.

Maddi:-TOI

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment