Giddugalli hojii Suphee eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) – Magaalaa Finfinneetti Giddugalli hojii Suphee eebbifame.
 
Ijaarsi wiirtuu kanaa baatii tokko keessatti kan xumurame ta’uu ibsameera.
 
Giddugalichi haadholii hojii Supheerratti bobba’an kuma 1 ta’an keessumeessuu danda’a jedhame.
 
Iddoo oomishaa, gurgurtaa fi meeshaalee hojichaaf barbaachisan hunda kan guuttate ta’uu himameera.
 
Sirna eebbaa kanarratti itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan argamaniiru.
 
Injiinar Taakkalaa Uumaan, ogummaan hojii Suphee hanga dhamaatii isaa ogummaa hin kabajamnee fi faayidaa hin argamsiifne ta’ee jiraataa ture jedhan.
 
Bulchiinsi magaalichaa ogeeyyii damichaa jajjabeessuun ogumicha faayidaa biyyaaf oolchuuf akka hojjetu ibsaniiru.
 
Oomishaaleen Suphee gabaa biyya keessa bira darbee, gabaa biyya alaaf akka dhiyaatu Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa fi Daandii Qilleensa Ityoophiyaa waliin hojiin eegalamuu kaasaniiru.
 
Seerri damicha guddisuuf gargaarus qophaa’aa jiraachuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Gidduugalli ogummaa hojii uffataa naannoo Hurufa Muujjaa (Shiroo Meedaatti) ijaarramuu eegaleera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment