Giddugalli Gabaa kuduraafi muduraa haaraan seeraan alummaa kanaan dura ture kan hambisee ta’uun ibsame

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Giddugalli Gabaa kuduraafi muduraa haaraan seeraan alummaa kanaan dura ture kan hambisee ta’uun ibsame.
Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti kutaa bulchiinsa Niifaas Silki Laaftoo, naannawaa Gaarmentii Hayileetti giddugalli gabaa kuduraafi muduraa ammayyaa amma ijaaramee seeraan alummaa kanaan dura ture kan hambisee fi daldaltootaa fi hawaasa fayyadamaaf, misooma bu’uura kan guutatee fi daldalaaf mijaata ta’uu Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise.
Itti Gaafataman Biiroo Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Abdulfattaa Yusuuf karoorri akka biiroo keeenyaatti qabamee magaalichaatti qaqqabiinsa giddugala gabaa mirkanessuu fi giddugala gabaa ammayyaa babal’isuun hojii ijoodha jedhan.
Giddugalli gabaa kun turtii ji’aa tokkoo keessatti baasii Birrii biiliyoona 1n lafa kaaree meetira kuma 8 irratti kan ijaaramee yoo ta’uu suuqii qinxaaboo 504,Suuqii Raabsaaf 52 walumagalatti suuqota 556 yeroo gabaabaa keessatti ijaaarsi isaa xumuramuun daldaltootaf dabarfamanii kennamu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment