Giddugalli Gabaa Galtee Qonnaa Naannoo Haarari tajaajila eegale

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)- Giddugalli Gabaa Galtee Qonnaa fi Oomishaalee Qonnaa, qonnaan bultoota Naannoo Hararii ijaaramaa ture tajaajila eegale jira.

Giddugallichi ijaaramuun rakkoo dhiheessii galtee qonnaa fi iddoo gurgurtaa oomishaalee qonnaa bultootaa kan furudha jedhan Pireezidaantii Itti Aantuu fi Itti Gaafatamtuun Biiroo Qonnaa Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umareen.

Kanaan dura Gidduugalaa Gabaa jiraachuu dhabuun omishaaleen qonnaan bultootaa daldaltoota seeraan alaatiin saamichaaf saaxilamaa turuu yaadachiisaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Harari Obbo Ordiin Badrii gama isaaniin Giddugalichi fayyadamummaa qonnaan bultootaa dabaluu cinaatti gaba tasgabeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu kan dubbataniiru.

Giddugalli ijaaramee tajaajila eeggale kun gamoo abbaa darbii sadii Birrii miliyoona 151 oliin ijaarame ta’uun ibsameera.

Kadiir Shamsaddiintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment