Giddugalli beekumsa Kaayizanii hunda’uun ce’umsa beekumsaaf gahee olaanaa akka bahatu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)- Giddugalli beekumsa Kaayizanii Itiyoophiyaatti hunda’uun Afrikaanota gidduu ce’umsi beekumsaa akka jiraatuuf gahee olaanaa akka bahatu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Allaa Obbo Dammaqaa Mokonniin ibsan.

Giddugalli Beekumsaa Kaayizanii Finfinneetti ijaarame guyyaa har’aa eebbifameera.

Sirna eebbichaarratti Obbo Dammaqaa Mokonniin, Ministiraa Ministeeraa Indaastirii Malaakuu Allibal fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Itoo Taakaakooniin dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Giddugallii beekumsaa Kaayizanii kun walta’iinsa mootummaa Jaappaanii fi Itiyoophiyaan Doolaara miiliyooa 27.5 ijaaramuu Obbo Dammaqaan Ibsaniiru.

Mootummaan Jaappaan Itiyoophiyaatti ijaarsaa misoomaa humna namaa irratti deeggarsaa taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment